Abbaa Manaa Gowwaa

Posted by Admin on January 17,2023

| 2452 Downloads

Amicha tokkotu ture. Namichi kun ka'ee haadha manaa fuudhe. Haati manaa isaa erga itti heerumtee booddee, kaatee mucaa godhatte. Amma erga mucaa godhattee booddee, gaafa mucaan dhaqee daa'imuuf ka'u abbaa manaa ishii waan jibbiteef kaatee gaafa waan malattu dhabdu dhabdu mucaa mucaa ishii fuutee baadhattee hurursuutti kaate. Mucichimmoo baay'ee jaallatuyyuu hurursitee haati manaa namichaa kaatee, "mucaa koo dhukkubaa," jettee irra tarkaanfatti turte. “Otuu inni baqqoo dhaqee ajjeesee ni fayya," jette.

Dubartiin kun waan namicha jibbiteefis michuu kan biraa qabduuf nyaata qopheessite. Akkatti wajjin nyaattu dhabdee namichimmoo dhuguma jedhee baqqoo dhaquudhaa ka'e. Otuma deemuu namicha harree oofee deemu tokkotti dhufee, namicha wajjin nagaa wal gaafatan. "Yaa namichoo" jedheen. "yee!" jedheen. "Eessa dhaqxaa?" jedhee gaafate. Namichimmoo, "mucaa koo tokko dhukkubaan yoo baqqoo dhaqxe malee hin fayyu naan jennaan ka'ee," jedhe.

Namichi harree oofu sun, "innoo sobaa mucaan kee ni fayyaa deebi'ii" jedhe namichaan. Achumaan namichi duukaa deebi'ee, "yeroo fuullee mana keetii geessu natti himii," jedheen. Deemanii dhufanii fuullee manaa ga'an. "Ilaa kuunnoo isa sana," jedhee mana isaa itti agarsiise. Achumaan namichi karaa deemu sun "qalqalloo koo keessa si buufadheen dhaqee na bulchaa jedhaatii hin dubbatiin," jedheen.

Namichis, "haa ta'u" jedheen. Akkuma jedhe qalqalloo isaa keessa buufatee harree isaatti fe'atee dhaqee, "warra manaa," jedhee waame. "Yoo!" jedhanii jennaan, "na bulchaa aduutu natti dhihee, harree oofeen deemaayyuun sodaadhee," jedheen warra manaatiin "Bulaa manni kan Waaqaayyootii," jette. "Haa ta'u," jedhee harree isaarraa hiikkatee, "asuma naaf haa taa'uu," jedhee mana jala kaawwate. Namichatti sila waan hundaa itti himeera. Inni mana jala kaawwatee jennaan, "ol liccisiifadhaa," jette. "Silaayyuu mi'a kootiifan sodaadhaa olin liccisiifadha" jedhe. Namichi qalqalloo isaa ol liccisiifatee taa'e.

Kana gidduutti, "kennaa isiniin kaa'aa" jette. "Hi'i koo asuma naaf haa taa'u na cinaa" jedhe. Yammuu namichi ol lixu inni luuccaan isaa jijjigaa qooseerra ciisuu, kan barcuma taa'umsaarra shaanfoo (Eeboo) ofitti hirkisee taa'u tokko arge. Innis immoo qondaala jedhama. Qondaalichi yommuu namichichi ol lixee taa'u, wajjin haasa'uutti ka'e. Qondaalichi maqaa namichaa gaafachuutti ka'e. Namichi itti himuu didee jennaan, gaafatee dhiisuu dide. Gaafa inni gaafatee dhiisuu diduu maqaan koo, “Boru udaan fidiyyee," jedhee deebiseef. Eega maqaa gaafatee booda dinqisiifachuutti ka'e. Erga dingisiifatee booddee walii wajjin haasa'uutti ka'an. Otuma walii wajjin haasa'uutti jiranii irbaanni qophaa'ee dhufee nyaatuma nyaatanii quufanii maaddii fuudhuuf jennaan, "nuu noorsi namichoo," jedhe qondaalli. "Anoo beekee hin noorsuu," jedhee didee "isin nuu noorsaa malee," jedhe. "Haa ta'u," jedhee, "ani nan noorsaa atimmoo na jalaa qabii," jedhee akkana jedhe,

Nooruu yaa budeenaa si nyaannee quufnee,

Nooruu yaa ogeessa faranjii dhagaraa uddeela,

Nooruu yaa buddeena ishii baqqoo dhaqxee,

Nagaadhaan hin galchiin,

Nooruu yaa buddeena achitti ishii haa hambisu," jedhe.

Erga noorsee booddee, "namichoo atimmoo noorsi," jennaan noorsuutti ka'ee, akkana jedhe: 

Nooruu yaa buddeenaa kan qalqalloo keessaa, 

Nooruu yaa buddeenaa namnillee hin beekuu

 Nooruu yaa buddeenaa maaddiirraa iyyatuu,

Nooruu yaa buddeenaa ishii baqqoo dhaqxee, 

Nagaadhaan hin galchiin,

Nooruu yaa buddeenaa isaan maaliif jedhuu,

Nooruu yaa buddeenaa kan edana buluu beennee,

Akkas namicha abaaru, jedhe.

Namichi noorsee maaddiin fuudhamee dhaqanii rafanii, namichi inni abbaa harree namichaan, "yommuu isaan rafan, goradeen sii kennaa morma kutii," jedhe. Bari'uuf jennaan golgola barii namichi, "yaa warra manaa

nagaatti oolaa," jedhee sokke.

Erga namichi sokkee fuullee manaa ga'ee hirribaa kaatee yommuu ishiin jettu mormi abbaa manaa isa haaraa hin jiru. Fiigdee gadi baatee, "yaa bor udaan fidiyyee! yaa bor udaan fidiyyee!" jette. "Balbala duratti awwaalii," jedhee namichi sokke. "Ishiin dhuguma," jettee balbala duratti awwaalte akka namni argutti. Gowwaa ta'uun kana nama godha jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

+251 912 778324

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex