BULLAALLII DHIRSAA FI NIITII

Posted by Admin on January 17,2023

| 608 Downloads

Niitiin Bullaallii tanaa, maqaan ishii jargee jedhama. Ilmoon saaniimmoo Baatuu jedhamti. Kanumaan bullaalliin tun lammata dhalte. Yommuu kana barri beela. Dhirsi ishii kunis midhaan barbaada gara laga Gibee dhaqe.

Ennuma achi gahee midhaanirra qubatu eegduun Imidhaanichaa "bullaal bullaal," jedhee dhakaa itti furguggate. Kanumaan dhakichis irra bu'ee laboobaa cabsee kufee hafe. Niitiinis waan ta'e wallaaltee qarreetti gadi baatee,

"Dhirsa koo-dhirsa jargee Abbaa baatuu maaltu argee," jette irra deddeebitee.

 

Innis dhaga'ee akkana jedheen:

“Ha'nciroo laga Gibee, bsa inno

Siif cabsa jedheetan,

Dhakaadhaan na cabsanii,

Dhufuullee nan dhadhabee yaa giiftiyyoo,” jedheen.

Kanumaan ishiin booha calqabde. Innis irra deebi'ee,

Qamadiin gaara margee

Deebi'ee gaara hin marguu,

Alamii san agartee, deebitee nan agartuu, jedheen.

Ishiinis,

Mutaa koo suuqqadhee,

Mucaa koo guurradhee,

Biyya koon ba'uuree, jettee daa'ima ishii jette baattee galtee jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex