Namoota lamatu jira. namootni kun hattoota turan. Hattoonni kunneen yeroo baay’ee namoota hedduu jalaa horii hatanii hiyyoomsaa turan. Akkuma baran gaaf tokko re’ee tokko hatanii re’ee hatan kana gurgurachuuf walii galan. Inni tokko ani mana tureen dhufaa dhaqii gurgurii na eegi jedheen. Inni sunisi tole jechuun miiltoon isaa re’ee itti
fuudhee gurguraaf gabaa baase. Osuma inni gabaa keessa qabee haasa’a haasa’uu hattún biraa jalaa hate. Yemmuu namtichi haasa’a fixee garagalee re’ee ilaalu hin jirtu. Yeroo tana namtichi iyyuuf re’een kan isaa waan hin taaneef sodaate. Yoo iyye niqabama waan ta’eef. Dhiisuuf re’een mararte. Marartus homaa gochuu hin danda’u jechuun dhiisee gadduu eegale. Osuma inni taa’ee gaddu hattichi inni lammaffaan (kan manatti hafe) itti dhufee nagaa gaafatee maaliif gaddita? Re’ee gurgurte mitii? Bitteetu gatii sinyaate seetee hin gaddin. Cufaa koottu amma haa deemnu jedheen. Namtchis tole hin deemna obsi kaa! jennaan, meeqatti gurgurte? Mi’aa moo rakasa? jedhee gaafate. Innis, sokki hammuma ittiin binne sanaanin gurguree jedheen jedhama. hee gatee gale jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex