Duula Adurree

Posted by Admin on January 17,2023

| 1310 Downloads

Guyyaa tokko adurreen dulloomtee manaa baatee deemuuf kaate. Osuma deemtuu karra gubbaatti sareetti dhufte. Adurreen sun, "yaa saree maal asii goota?" jettee gaafatte. Innis, "warra kiyyatu ni dulloomte jedhaniiti na ari'an," jedhee deebii kenneef, "Anaanis mana keessa adamsuu didde jedhaniiti ari'an," jetteen adurreenis. "Egaa amma koottu wajin jetteenii deeman. Osuma deemanuu harreetti dhufan. Harreen, "eessaa deemtuu?" jennaan, "warra keenyatu nu ari'e," jedhanii itti himatan. "Anallee akkuma kana yommuun ba'aa baadhu na jaallachaa turan amma ba'aa baachuu dadhabnaan na ari'an," jedheen harreen, anis ka'een sin wajjin deema jedheen. Osoo sadi ta'anii deemanuu lukkuutti dhufan. "Lukkuu ! maal asii gootaa," jedhaniin. "Warri kiyya 'dulloomte, yeroodhaan iyyuu didde' jedhanii na ari'an," jetteen. “Amma garam deemtaree," jedhaniin. "Nan badaa," jetteen. "Hin badiin lakkii ! koottu wajjin duula deemnaa jedhaniin.

Amma isaan hundinuu wajjin ka'anii duula deeman. Osoo deemanuu gaara gubbaa ga'anii adurreen "yaa harree nurra situ morma dheerataa asii gadi akka jiru nuuf ilaalii," jetteen yommuu ilaalu, "asii gadi manni ni jira, aarris ni aara, jedheen. Adurreen isaan naannoftee, karaa barbaaddee kaattee buutee yommuu mana san geessu, "yaa harree nurra caalaa situ morma dheerataa foddaa kanaan akka namni jiru ilaalii" jetteen yommuu ilaalu, "namni ni jiraa, taa'anii qarshii lakkaa'anii, qawweenis isaan bira ciiseeraa," jedheen. San booda adurreen, "yaa harree ati balbala dura dhaabadhu," dhaabbadhu, jetteen.

Sareedhaanis "harreerra dhaabbadhu animmoo sareerran dhaabbadhaa, lukkuudhaanis atimmoo narra dhaabbadhu," jetteen. "Egaa rukutii cabsi," jetteen. "Yommuu ati rukuttu nuyi hundinuu ni iyyina" jetteen. Yommuu harreen dhiitee balbala cabsu iyyanii yogguma kana warri mana sunii rifatanii foddaarraan utaalanii bosonatti gargar badan. Sanaan boodammoo wal barbaadanii wal argatan. “Hee jarana! maal taanee?" jedhan. Akkuma isaan badaniin adurreen gara manaa ol seentee asiifi achi ilaaltee, fannoottimmoo foon argitee, diinqatti garbuu, hindaaqqoofi harreedhaan "isin garbuu kana nyaadhaa," jetteen. "Yaa saree aniifi atimmoo koottu foon kana buufannee isa nyaannaa," jetteen. Isaan hundinuu nyaatanii quufanii adurreen bakka bulan barbaaddeef.

Amma sareedhaan karra qabadhu, harreedhaan gola qabadhu, lukkuudhaan qooxii qabadhu, jettee ofiimmoo gemmoo keessa qabatte. Amma warri manaa sun walitti dhufanii, "yaa jarana maal taanee, amma maal goonaa, jedhanii osoo taa'anuu isaan keessaa inni cimaan tokko, "ani dhaqeen ilaala," jedhee ka'e. Yommuu dhaqee foddaarraan ilaalu homtuu hin jiru se'ee mana seene. Yommuu seenu gemmoo keessaa ijji adurree itti ife. Ija adurree sanii ibidda se'ee nan qabsiisa jedhee mukaan dongore. Yogguu kana adurreen itti utaaltee qabdee iyyite. Yoo kana harreen dhiitee luka cabse. Lukkuunis qooxiirraa utaalee takattake. Sareenis tafa qabee gadi baasee boqobbaqe. Namichis jalaa fiigee bosona dhaqe. Yogguu achi ga'u warri sun "yaa namana akkamitti dhufte jedhaniin. Innis, "Waaqaa bu'uu, lafaa ba'uu waansaa hin beeku, kanuma na cicciraniin of argee ka'aatii mana yaalaa na geessaa," jedheen. Akkasitti jarreen wajjin duulan abbaa manaa ta'an jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex