Biyya tokko keessa dargaggoota sadiitu jira ture. Dargaggoonni sadanuu intala miidhagduu takka fuudhaaf kadhatan. Abbaan intala sanaas yaaddoo tokko malee mucayyoosaa dargaggoota sadeeniifuu kenne. Ennaa kennuufis, "isin keessaa kan beekumsaan hunda caalutu intala tiyya fuudha, " jedhee itti himee ture.
Dargaggoonni sadanuu odoo intalattii hin fuudhiin dura beekumsaan wal caaluudhaaf gara barumsaatti deeman. Waggoota muraasa booda barumsa isaanii xumuranii deebi'an. Isaan sadanuu ogummaa dandeettii adda addaa baratanii dhufan. Inni tokko Doktora Fayyaa, inni tokko balalchiisaa xiyyaaraa, inni sadaffaan hojii bilbilaatiin eebbifaman. Isaan sadanuu ogummaa kanneen armaan olii qaban.
Eddoon mucayyoon sun jiraattu gammoojjii waan tureef hoggaa dargaggoonni ishii kadhatan sun barumsa isaanii xumuranii dhufan ishiimmoo bofti iddee dhukkubsachaa turte. Yeroo kana inni ogummaa bilbilaa qabu sun dhukkubsachuu ishii bilbila bilbilee gaafatee dhagahe. Dhukkubsachuushii erga dhagahee booda dargaggoota lamaan hafanitti hime. Kan xiyyaara oofuu beeku sun xiyyaaraan dhaqee fidee gara mana yaalaa geesse. Inni Doktorri fayyaa sunimmoo qoricha adda addaa kennuudhaan yaalee fayyise.
Dargaggoonni sadan gaaffii isaanii waggootaan duraa sana abbichatti dhiyeeffatan. Yeroo kana abbaan mucayyoo ogummaa gaafachuu calqabe. barumsaa isaan argatan. Dargaggoonni sadanuu ogummaasaanii tokko tokkoon itti himan. Yeroodhuma kana lubbuu mucayyoo du'a oolchuuf hirmaannaa isaan godhan takka lamaan akkana jedhanii haasa'uu qaban.
Inni ogummaa bilbilaa qabu sun, "mucayyoon tun dhukkubsachuushii kan dagahe dagahedana jarreenitti himee kan du'a oolche ana ijaan ta'eef ani fuudhuun qaba," jedhe. Inni xiyyaara oofummoo "dhukkubsachuushii dhageenyaan hatattamaan dhaqee odoon fayyisuu baadhee hin fayyisan turan, kanaafuu ijaan ani du'a oolcheef anatu fuudhuu qaba," jedhe. Inni sadaffaanis, "kan duraan dhagayes ta'e kan fuudhee na biraan gahe odoon ani fayyisuu baadhee hin fayyisan turan, kanaafuu kan fuudhu ana," jedhe. Yemmuu jarri lubbuu mucayyoo fayyisuurratti gahee hojii isaanii abbaatti himan abbaa mucayyoo wajjin jaarsolii baay'eetu jira ture.
Falmii dargaggootaa kanarratti jaarsoliin murtii kana fakkaatu kennan "Inni ogummaa bilbilaa qabu bilbilaan dhukkubsachuushii dhukkubsachuushii himuu baatee, kan xayyaara oofus dhagahe ta'e doktorri ishii gargaaruu hin danda'an turan. odoo Kanaafuu kan dura mucayyoo dhukkubsachuushii dhagahee jarreenitti himee du'a oolche sun yaa fuudhu. Inni xiyyaara oofee mana yaalaa ishii fide sun waahila isa guddaa, inni Doktora ta'ee ishii fayyise sunimmoo waahilashii isa xiqqaa yaa ta'uu," jedhanii murteessan jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex