Intala tokkotu turte. Abbaafi haati ishii looniifi faradoo baay'ee qabu turan. Abbaanis intalattiidhaan, "mee faradoof bishaan kennii," jedhe. "Faradoo kanaafimoo eenyuufii?" jetti. "Jifaarii," jedhaan. Fardi Jifaar jedhamu kunis faaraan guddaadha. Ishiinis otuma hin kenniniif, "kenneeraaf," jette. Mucayyoonis kadhatamtee cidhi ishii hamaamonni ishii ga'e. Afeerraan qophaawee fudhachuu dhufan. Maqaan intalattiis, hawwii waan tureef, "Hawwiin farda isa kam yaabbatti," jedhanii dubbatan. "Farda tokkicha garuu yaabbattee ni galti," jedhanii yaada kennan. Booda, "yaa Hawwii, Bulloo yaabbadhuu," jedhan. "Hin ta'u" jette. “Magaal yaabbadhu kaa," jedhaniin. "Hin ta'u" jette. "Daalacha yaabbadhu," jennaan, "hin ta'u," jette. "Ihii! Maal wayyaree?" jennaan. "Jifaar kanan wal'aanaa ture sun eessa dhaqe?," jette. "Lakkii intala koo fardi kun si fuudhee hallayyaa si gataa," jedhan. "Waa tokko homaa nan godhuu," jetteen.
Isaanis, “tole," jedhanii fardichuma yaabsisan. Fardichis fudhatee lafa fagootti ittiin bade. Otuma adeemanii hallayyaa bira qilxuu guddaa tokko jalaan ga'ee waan nyaattu, waan dhugdutti otuma jirtuu daldaltoonni karaa deeman achitti ishii argu. Ishiinis fardicharraa bu'uu hin dandeessu turtee achirra teessee:
“Jifaar yaa Jifaar! bakka aabboon hin jirre, bakka aayyoon hin jirreen naan dhuftee naan galimee” jettee weeddifte.
Fardichimmoo, "Hawwii yaa Hawwii! Boora yaaphu, jennaan situ didee, adii yaaphu jennaan situ didee, Bulloo yaaphu jennaan situ didee taa'i kophaa taa'i kophaa," jedheen.
naan dhuftee naan galimee naan galimee," jettee innis, "Hawwii yaa Hawwii adii yaaphu, jennaan situ didee, Bulloo yaaphu jennaan situ didee, taa'i kophaa taa'i kophaa", jedhee jedhanii kanumaan qarree gubbaarraan ilaalanii, amma fardichi ga'us ilaalanii deeman.
Hoggaa deemanu lafti itti dukkanaa'e. Isaan utuma hin beekiin yaaduma karaa deemanii amma mana abbaa ishiitti maqanii, "nu bulchaa" jedhanii abbaa ishii gaafatan. Abbaan ishiis, "manni kan Waaqaatii bulaa," jedhe. Jarreenis maqanii bulan, nyaata, dhugaatii, bishaan miilaa, bakka rafiitii hunda kennaniifi keessummeessan.
Amma galgala otuma taphatanii, haasaa keessa, "har'a waa dinqii agarree," jedhan. "Maali," jennaan, “fardi dhaabbatee magaala guddaadhaa, qilxuu jala mucayyoo tokko achi jalaan ga'ee arginee," jedhan. Maal jettimmoo, "Jifaar yaa Jifaar! bakka aabbo hin jirre bakka aayyoo hin jirre naan dhuftee, naan galimee" jetti, hoggaa ishiin akkana jettu innimmoo, "Hawwii yaa Hawwii! adii yaaphu jennaan situ didee magaal yaaphu jennaan situ didee taa'i kophaa taa'i kophaa" jedhee deebisaaf. "Kana agarre" jedhanii warra ishiitti himan.
Yeroo kana abbaan ishii, "eessatti agartan," jedhee gaafata. "Bakka akkasii bakka akkasii," jedhaniin. "Bakka sana nu geessuu dandeessuu?" jedhan. "Eyyeen sin geessina dhibee maal qabaree?" jedhaniin. Bariinaan wajjin ka'anii bakka sanatti deeman. Bakkicha ga'anii gaara gubbaa dhaabbatanii yommuu gadi ilaalan mucayyoonis fardis kan isaaniiti. Garuu kooraaniifi nafti mucayyoo walitti fayyee addaan ba'uu hin danda'u. Amma waan godhan dhabanii fardicha kuffiisuu Amma barbaadan. Eeboo fudhataniis dugdasaa gadi waraanan. Garuu inni homayyuu ta'uu dide. Abbaan, obboleessi walduraa duubaan dhufanii waraanan. Inni garuu homaa ta'uu dide. Dhumarratti waan godhan yommuu dhaban, hallayyaa keessaa mucayyoon akkana, jette, "Firri koo hunduu naa yaa'ee dadhabemmoo mee dhirsa kiyya sana naa waamaayyuu," jetti. Yeroo kana dhirsatti waraana kennanii, "dhaqii," jedhaniin. Hoggaa kana dhaqee qilxuu gubbaa koree fardicha gooba keessa yoo gadi waraanu fardichi ni jilbeeffate. Garuu mucayyittii karaa ittiin irraa buusan hin qaban tureeyyu. Kooraa hudduu ishiitti ol dhisanii raawwatanii, irraa buusanii mucayyoo
fudhatanii galan.
Duraanis abbaan mucayyoofi daldaltoonni sun waliigaltee qabu turan. Waliigalteen sunis, "mucayyittii biraan isin ga'ee yoon jedhe maal naa gootaa," jennaan abbaan mucayyoo, "horiin qabu qixxeettan siif hira," jedhee tureeyyu. Amma egaa akkuma jedhe biraan ga'ee mucayyoo yommuu fudhatanii galan, horii qixxeetti hiruufiif ka'e abbaan ishii sun. Naggaadichis, “kan toltee mana kee na bulchite horii kee naa hirtaa? Ani silumaa ofumaan horii kee naa hirii siin jedhe, gara fuulduraatti firoomaan jiraannee mana kee haa bulu, intalli kees baga nagaan siif galtee” jedheen jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex