Bara durii guyyaa tokko waraabessi walgayeetu Bakkamitti akka harree nyaatu mari'atee, "yaada intala keessan nutti heerumsiisaa jenna," jedhurratti walii galanii akka oitti cheerumsiisan harroota gaafatan. Harreenis, "haas ta'u kaa ni mari'anna," jedhanii deebisaniif.
Harroota keessaa inni tokko, "jarri kunoo diina keenyaa attamitti intala keenya itti heerumsiifnaa?" gaaffii jedhu dhiheesse. Inni tokkommoo, "soddaa walii taana, ni firoomna, firoomnaan immoo nu hin nyaatan. Kanaaf itti heerumsiifna," jennaan yaada kanarratti walii galanii tole jedhaniin. Guyyaan fuudhaafi heerumaa gayee waraabessi harree fuudhee gale.
Bulee, "intala keessanitti waan dhufe hin beeknu waan duuteef booyicha gayaa," jechuudhaan waraabessi harreetti erga. Harroonnis ergaa kana dhagahanii battalumatti yaa'anii dhufanii "maalumammoo taatee?" jedhan. "Yeroodhuma fuunee galle dhukkubsattee duunaan awwaalle" jedhanii deebisaniif. Nyaachuu
isaanii dhoksanii.
Harroonni dhuguma se'anii erga boohanii booda, "egaa maal godhu kan Waaqni fide jabaachuudha malee," jedhanii galuuf ka'an. Waraabessa keessaa inni intala fuudhe, "yaa amaatii koo silaa sanyii intala kee si'achi hin argadhuu mee na dhungadhuu nagaa natti dhaamii," jennaanamaatiin dhugaam seetee yoo dhungattu huuruushii hamma adiisaa cuffatee gadhiise. Yommuu ishiin iyyitee bakkeetti bahuuf fiigdu, "maal jarana akkam na tuffattee du'a haadha manaa kootti kofaltii, naa qabaa yaa fira koo hin baasinaa," jedhe. Waraabessi warri kaanis duukaa bu'anii harroota hunda haadha intalaa dabalatanii nyaatan. Waraabessis bishaan waadu jechuun mammaake jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex