Gorsa Abbaa

Posted by Admin on January 17,2023

| 1151 Downloads

Abbaan akka jedhee ilma ofii gorfate "Ilma koo hin jaalladhu jettee niitii tee tan ganamaa garaa hin dhokfatiin. Nan jaalladha jetteemmoo niitii tee guyyaa keessa fuute waan garaa kee itti hin himatiin. Hiriyaa kee kan biyyee wajjin daaktee guddatte farda rimaa jaalatte natti mufata jettee farda rimaa hin kenniifiin. Obboleettii koo deettee wajjinan dhaladhe jettee hin amaniin. Obboleettii tee tan addooyyee taateef akka obbooleettii tee caalaa jaaladhu" jedheenii gorsee du'e. Ilmis akkamitti abbaan kiyya akkana naan jedhe, waan inni naan jedhe kana murteesaa laalaa jedhee daa'ima ambaa odaa namnuu hin argiin haadha ofiitti yaa haadha too jechaa abbaa kiyya san murteesaa laala.

Daa'ima kana si malee, namni takka akka hin agarre,

sirriin soorii," jedhee haadhatti hiccitiin kennate. Sana hin jaallattuyyuu booda niitiisaa kan ganamaa ishiidhaan, "yaa niitii too daa'imni ambaa na harkatti du'ee malli maalii," jedhee gaafate. Ishiinis "namni si argeeraa?" jetteen. Innis, "lakkii namnuu nan agarree, jedheen. Eegasuu "kan akka natti himte kana namattuu akka hin dubbannee," jetteen.

Kanumaan hoggaa taa'anuu niitiinsaa tan lammataa sun shurrubbaa dhahachuu amba bira dhaqxee hogguu shurrubbaa dhahattu, "yaa haadha abaluu, dhirsi kiyyammoo daa'ima ambaa ajjeesee," jettee himte. Niitiin shurrubbaa dhooftuuf sunis warra daa'imaatii, "isaatu ajjeesee gatee," jettee itti himte.

Warri daa'imaatis isa qaban. Innis, "yaa biyyana gumaa nan baasa guyyaa naa qabaa," jedhee gaafate. Isaanis seera aadaa Oromoo qabatanii guyyaa kennaniif.

Isatti aansee hiriyaan ganamaa biyyee wajjin daakee guddate, "diidan deemaa mee farda naa kennii," jedheen. Tole jedhee farda rimeessa kenneef. Innimmoo farda biraa yaabbatee akka innis hin agarretti maddii deema. Hiriyaansaa sunis lafa gadi dhooqaa hoggaa ga'e fardarraa bu'ee nagaadhaan galcheef.

Hiriyaan guyyaa keessa wal jaallatan, "farda naa kenni mee diidan deemaa," jedheen. Isaafis farduma rimeessa san kenneef. Innimmoo farda biraa yaabbatee akka inni isa hin agarretti maddii deema. Hiriyaansaa sun tabbaa tabba jedhee lafa dhooqatti dhooqa hin jedhu farda san  akkuma ari'etti imaltuu ofii ga'e. Hoggaa deebi'u farda rimeessa garaadhaa ba'e. Inni hogguu argu isatti hin dubbanne ilmoolee garaadhaa ba'e sanirraa kottee muratee gale. Hiriyaansaa sunis farda san galcheef.

San boodammoo gumaa san kadhachuu obboleettii bira dhaqe. Hogguu dhaqu sanyoonshii farsoo warraabbiitti qabatee qixxaa marqa nyaata. Hogguu inni gandi kun jedhu farsoosaanii qixxaa marqasaaniis jalaa kaaftee diingatti dabarsitee, "maal? maal gochaa dhuftee," jetteen. "Daa'imni ambaa na harkatti du'ee gumaan baafadha jedheetan si kadhachuu dhufee," jedheen. "Maaliif daa'ima ambaa ajjeefte," jettee lolteen. "Godhikaa maal goonaa mitii, gaafa gumaa sanan dhufa," jettee eelee sibilaa irra gootee xiqixiqoo tolchiteef. Xiqxiqoo sanirraa cabsee kiisii godhatee bishaan lagaa laatteefii galchite.

Achumaan deemee obboleettii addooyyee ta'eef sanatti gore. Hogguu ishii bira ga'u ishiin rifattee, "maal obboo wayyaa gurraachi kun," jetteen. Balloo, "daa'ima ormaatitu na harkatti du'ee gumaan baafadha, sin kadha jedheetan deemaa," jedheen. "Maalooree rakkoo maaltu jira, ol seeni" jettee jaanoo sanduuqa keessaa baaftee “jedhi huccuu gurraacha kana baafadhu” jettee jaanoo san itti uwwifte. San booda farsoos warraabbiidhaan "jedhi huccuu gurraacha kana baafadhu," jettee jaanoo laatteefii qixxaa marqa samaadhaan nyaachifte. Achii ka'ee gaafuma gumaa kaffalu san hogguu ga'u qe'eetti biyya waame. Biyyi sunis warri gumaa fudhatu yaa'ee

dhufeef.

Obboleettiin inni addooyyee ta'eef sun dhirsa wajjin horii qabdu raaddan ooftee ganamaan dhiyaatteef. Horii firrisaa hunduu kenneef walitti qabee hogguu kennudhaa jedhu obboleettiinsaa kan wajjin dhalatte sun raada tokkittii huqqattuushii ooftee dhufte. San booda kennite. Innis, "ambana takkaan dubbadhaa na dhaggeeffadhaa," jedheen. Isaanis, "mee dubbadhu kaa," jedhaniin. "Daa'ima ambaatis hin ajjeefne, Waa kanaa gochuu kanan danda'eef abbaan kiyya hogguu du'u waan na gorseefi," anis kanarraa barumsa cimaa argadhee jedhee deebise jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex