HAADHA BONAYYAA

Posted by Admin on January 17,2023

| 689 Downloads

Dur dur nama tokkotu tureeyyu. Innis kanniisa baay'ee waan qabuuf gaaf tokko damma kanniifni isaa buufteef gurguruudhaaf gabaa baye. Erga gabaa bayee booda damma sana namnuu bituu didee yoo baatee galu dadhabee achumaan mana haadha Bonayyaa dhaqee, "warri kun, akkam ooltan," jedheen. Haati Boonayyaas gadi baatee "akkam ilma koo, naguma dhuftee?" jetteen. Erga nagaa wal gaafatanii booda namichi sunis haadha Bonayyaatiin, "mee damma kana naaf ol kaa'aa narraa bitamuu didee," jedheen. Haati Bonayyaas, "maal rakkoon jiraaree siif haa taa'uu," jetteen. Namichis dammasaa achi ol kaayyatee haadha Bonayyaatiin ani egaa karaan dhufu hin qabuu yennaa birraan bari'en dhufee fudhadhaa, nagaan taa'aa" jedheenii gara manasaatti deeme.

Haati Bonayyaas damma damma sana ganna guutuu nyaachaati baate. Yoo birraan bari'u namichi dammasaa fudhachu dhufe. Haati Bonayyaas, yoo namicha sana fagootti argitu xaafii aramaatti jirtiiyyuu achumaan mala malachuu calqabde. Jara wajjin aramaa araman sanaan wajjin mari'attee nama sana gowwoomsuuf barbaadde. Ishiinis jara saniin akkana jetteen, "namichi sun yoo as gaye ani dammasaa waanan duraa nyaadheef waan na gaafatuufuu ani sobeetan xaafii buqqisaa, isinimmoo jaartii nanaa yoo dadhabde hin ciiftuu, maal godhan gaa jaartiin tun of dadhabdee jedhaa," jetteen. Jarris, "tole," jedhanii namichi sunis isaan bira gahe. "Haadha Bonayyaa," jedheen. Ishiinis xaafii buqqisaatuma "oo!" jettee owwaatte. Jarri sunis akkuma mari'atanitti, “jaartii nanaa hin dhiiftuu? maal godhan kaa jaartiin tun of dadhabdee, jaartii nanaa achi deemii ciisi," jedhaniin. Ishiinis "akkam ilma koo, jirtaayyuu," jetteen.

Namichis erga nagaa gaafatee booda, "haadha Bonayyaa," jedhee waame. Ishiinis, "oo!" jetteen. Achumaan namichis, "dammi kiyya sun jiraa?" jedheen. Ishiinis deebiftee, "damma jettee ilma koo, hee!, damma da...mm...aa jettaa ilma koo!, damma yennaa Boonayya kiyya jiru nyaadhe kaa” jetteen. Bonayyammoo dur kanniisa baay'ee qabayyuu. Bonayyaan erga du'ee waggaa lamayyuu.

Haati Bonayyaas, "ayii! yaa ilma koo! yaa bonayyaa koo! wayyoo ilma koo!" jettee boo'uu calqabde. Namichis," itti dhiisi gaa hin booyiin, eega damma nyaattee mee buqqee biyyaa naaf kennii?" jedheen. Ishiinis boowuu dhiiftee, "buqqee jettaa ilma koo! buqqeen dallaarratti saaree, daraaree haa buusuu gaafa biraa deebi'ii fudhadhu," jetteen. Innis "jaartiin tun faarumatti of dadhabde jechuudha" jedhee ofumaan haasa'aa xinnoo erga turee booda, dhiisee deemuudhaaf murteessee "Haadha Bonayyaa! nagaan taa'aa egaa nan deemaa," jedheen. Ishiinis "Ilma koo deemuudhaafii?" jetteen. Innis, "eyyee nan deema, jedheen. Ishiinis, "dhaqi kaa ilma koo," jettee erga isa geggeessitee booda aramaa saaniitti deebi'anii, kolfaati aramaa saanii haramachaa oolanii, jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex