Dur namicha tokkotu ilma fuudha gahe qaba ture. Namichi kunis ilma isaa kanaan ganamas, galgalas 'siifan kadhaa, sin fuusisaa' jedhee quuxechaa ture.
Gurbaanis dubbii abbaa isaa kana diduuf hedduu rakkatee waliigalteen dura abbaa isaa waadaa galchisiifate akkana jechuun "yaa abbaa koo yoo na fuusifte intala fakkaattuu koo naaf barbaadi," jedheen. Abbaanis gaaffii kana galmaan gahuudhaaf intala fakkaattuu ilma isaa barbaacha ilmuma isaa kana wajjin deeman.
Jarreen kun otoo deemaa jiraanuu dursanii sa'a dhalee waatiirraa oota arraabutti dhufan. Gurbaanis, "yaa abbaa saani dhale kun dhugaamoo dhara dhalee?" jedhee gaafate. Abbichis, "ilma koo sa'a dhalee jabbii arraabaa jiru hin agarta mitii? maal na gaafattaa?" jedheen. Namichi kun ilma isaa kana akka gowwaatti lakkaayee callisanii karaa isaanii itti fufan.
Kana boodas otoodhuma deemaa jiranuu namicha midhaan baay'ee dhahee calleessaa jirutti dhufan. Gurbichi ammas, "yaa abbaa namichi kun midhaan baranaati calleessamoo kan bara dheengaddaatii?" jedhee gaafate. Abbaan gurbaa kanatti aaree ilma koo ni abjoottaa! namicha midhaan baranaa calleessaa jiru hin agartuu?" jedheen.
Gurbichi ammas, "yaa abbaa namichi kun midhaan baranaati calleessamoo kan bara dheengaddaatii?" jedhee gaafate. Abbaan gurbaa kanatti aaree ilma koo ni abjoottaa! namicha midhaan baranaa calleessaa jiru hin agartuu?" jedheen.
Namichi kun dubbii ilma isaa kanatti gaddaa erga xinnooshii deemanii booda nama du'ee namoonni booyaa awwaalaaf deemanitti dhufan. Ammas gurbichi, "yaa abbaa namichi du'ee awwaalaaf deemaan kun dharamoo dhugaa du'ee?" jedhee gaafate. Abbichi gurbaa kun, "yaa ilma koo kan si dhibe kun yoom gadi si dhiisaa laataa?" jedheen.
Jarreen kun otoo waliin mormaa deemaa jiranuu warra tokkotti goranii intala qophaa ishii jirtu takka argan. Abbaan gurbichaa intala tanaaf gaaffii asii gaditti eeraman dhiheessuu calqabe.
Gaaffii, "Intala too, abbaan kee eessa dhaqanii?" jedheen
Deebii, "cubbuu bitachuu deemee," jetteen.
Gaaffii, "Haati tee hoo?" jedheen deebisee
Deebii, "Kan hin garre agarsiisuu, kan hin dhageenye
dhageessisuu deemtee," jetteen.
Gaaffii, "Obbooleessi kee hoo?" jedheen ammas.
Deebii, "Deega bitachuu deeme," jetteen.
"Yaa intala too yeroon as dhufuuf deemu ilmi koos yaada adda addaa kan keetiin walfakkaatu natti dubbataa dhufe. Yaanni kee kunis kan ilma kiyyaatiin garaa garummaa kan qabu waan natti hin fakkaanneef otoo ibsa naaf kennitanii?" jedheen. Yaadas dalga ta'e sana duraan dursitee hiikuu kan calqabdes intala sana turte akkana jechuudhaan, "Abbaan koo gumii biyyaa deeme. Bakkee gumii sanatti uumaafi duudhaa jiru yoo dabse cubbuu maatii isaarratti miidhaa geessisu bitachuu isaatii," jetteen.
"Haati toommoo mijuu hubboo tokko qofa naqxee, ishiin garuun namoota ganda keenyattis argaman hunda waamuu deemte. Namoonni ishiin waamte hundi akkuma jiraniin yoo dhufan, mijuun naqame migiraan yoo dhandhamachiifte malee wal hin gahu. Dhangaa qophaa'es mi'aayaafi baay'ina isaa otoo hin beekne na argaa jechuun of dhaadhessuun kan hin argiin jetteen.
"Obboleessi koo mana namaa dhaqee niitii agarsiisuu, kan hin dhageenye dhageessisuudhaa ormaarratti qabamee goromsa shantama baase. Dubbiin sun hamma ammaatti hin xumuramne. Baasiin biraatis itti ida'amuu danda'a. Kanaafuu, namni kun yakka kana hojjetee guyyaa tokkotti baasii hunda kana gochuun deegee ulee darbuu isaati mitii," jetteen.
Kana booda abbaan gurbaa, "ilma koo yaanni natti himaa dhufte sun hiikoon isaa maalii?" jedheen. Gurbichis akkana jechuudhaan dubbii eegale, "saani dhalee waatii wayitii arraabu itti dhufne sana dhara moo dhugaa dhale jechuun koo, saani tokko dhale jechuun kan danda'amu yoo dil'uu buuse. Kana ta'uu baannaan garuu gaaga'amuu danda'a. Kun ta'ee yoo miidhames dhalli isaa dhara jechuudha," jedheen.
kan bara "Namichi kun midhaan baranaamoo dheengaddaa calleessaa?" jechuun koommoo, namichi sun midhaan nama biraarraa liqeeffatee nyaatee yoo jiraate liqaa sana galchuun dirqamasaati. Callaa guddaa sanas hireeti fixa. Kanaafuu namichi sun midhaan bara dheengaddaati calleessa jechuudhaa," jedheen.
"Namichi du'ee booyaafii jiran sun dharamoo dhugaa du'e jechuun koommoo namichi ilma dhalchee kan qabu yoo ta'e dhara du'e. Ilmi isaa sun qe'eefi qabeenya isaa dhaalee maqaan isaa akka hin duune gochuu danda'a. Yoo kan ilma hin qabne ta'e dhugaa du'uusaatii," jedheen.
Dhumarrattis gurbichi, "yaa abbaa koo yaada koofi kan intala tanaa hubattee jirta mitii?" jedheen. "Eyyeen," jedheen abbaan gurbaatis. "Intala fakkaattuu koo siin jedhe sunis kan yaanni ishii yaada kootiin walfakkaatu jechuudha. Ishiidhuma tana na fuusisii," jedheen. Abbaan gurbaatis yaada ilma isaa kana, "tole," jedhee fudhate. Sana boodas warra intalaatti jaarsa ergachuudhaan uumaafi duudhaa jiruun sirna gaa'elaa gaggeessan. Kana booda jarreen warrooman kun lamaan waldhabbii tokko malee umrii isaanii guutuu wajjin dabarsan jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex