Dubartiitu sanyoo godhatte jedhan. Sanyoo godhannaan, "maaloo eessatti wal arginaa, jedheen. "Magaalaa Gabra gurraachaatti," jetteen. Dabaltees, "Obboleettii tiyyan siin jedhaa akka namni si hin barreef shaashii maradhuu, qamisii uffadhuu kottuu, jette. "Nan dhufa kaa guyyaa akkanaa," jedhe. Akkuma wal beellamanittis dhufe. Dhufnaan ishiin yommuma gaaratti agartu ililchite. Dhirsi gadi ba'ee qawwee dhukaase. Dhukaafnaan, "maaloo obboleettii ani biyya oromaatii qabu tokkotu dhufee," jettiin. "Ahaa! Baga nagaan dhufte," jedhee waliin simatanii maseena qalaaf. Maseena qalame kanas amma torban lamaatti wajjin nyaatan. Sana booda gaaf tokko yommuu obboleettiin ishii gabaa dhaqxu, ishiin manatti hafnaan ka'ee qabate. Ishiin itti luqqifattee, kaatee hillim jette. Karaa ishiin baate sana ba'ee raawwatee, "maali? inni na qabatee raawwatee, jennaanan itti luqqifadhee harkaa ba'ee dhufe mitii," jedhe. "Eegasuu ati galii ani tiyyaahuu beekaa," jetteen. Isuma kanaan galtee yommuma balbala dura geessu, "wayyoo! wayyoo!ub yaa obboleewwan too," jetteen. Dhirsichis reebuuf balbala taa'aayyuu, "maali?" jedhee gaafate. A "Obboleewwan tiyya kan biyya ormaa jiran lamaa, takkittiin wanna dhiiraa fuutee," jetteen. "Maaloo kan asii kunis wanna dhiiraa fuutee badde mitii?" jedheen jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex