Ijoolleen obbolaa sadi turan. Ijoolleen kun Abbaa malee haadha hin qaban. Abbaan isaanii gaafa du'uuf ka'u, "guyyaa sadii deemaa na awwaalaa," jedhee itti dhaammate. Ijoolleenis tole jedhanii gaafa inni du'u billawaa fudhatanii karaa calqaban. Osoo deemanuu itti halkanaawee karaa bulan. Iddoo bulanitti inni hangafni "anatu reeffa abbaa keenyaa eega, isin rafaa," jedheen. Isaanis "haya!" jedhanii ciisan. Isaan rafano jedhee unesa ns6ribuubbur hangafnis rafe. Amma quxisuun hogguu ol ka'ee ilaalu hundi rafaniiru. Quxusuun osoo taa'uu leenci itti dhufee bira geenyaan billaadhaan morma dhayee lafa buusee arraba leencaa irraa muree kiisii kaayyatee bakkasaatti deebi'ee ciise. Ganama hangafni ka'ee ijoollee kaase. "Eda leenci abbaa keenyatti dhufee nan ajjeese," jedheen.
"Haya" jedhanii karaa eegalan. Osoo deemanuu itti halkanaa'ee bulan. Ammas hangafti, "anatu abbaa keenya eegaa isin rafaa," jedheen. "Haya!" jedhanii rafan. Kunis rafan jedhee rafe. Quxusuun ol ka'ee hogguu ilaalu hundinuu rafaniiru. Amma osoo eeguu qeerransi itti dhufnaan tojorrii isaa kaasee oggaa bira gahu morma dhayee lafa buusee arraba isaa muree kiisii kaayyate. Achiin bakka isaatti deebi'ee rafe. Ganama hangafti ka'ee, "eda qeerransi abbaa keenyatti dhufnaanan ajjeese," jedheen.
"Hayaa" jedhanii karaa isaanii jalqabanii adeemaa oolanii itti halkanaa'e. Amma quxusuun "Natu eegaa isin rafaa" jedhee osoo eeguu waraabessi itti dhufe. Kanumaan waraabeessa ajjeesee, mataa irraa kutee lafa kaayee, arraba irraa muree kiisii kaayyate. Ganama hangafni ka'ee "Waraabessi dhufee abbaa keenya jedheen. nyaachuuf jennaanan ajjeese, jedheen. Ijoolleenis "Haya!" jedhanii deeman. Guyyaa sa'aa sagalitti iddoo awwalchaa gahanii abbaasaanii awwaalan.
Amma dadhabanii osoo taa'anuu beela'anii quxusuun "halkan ifa gaararraatti argeeraa, achi dhaqeetiin waan nyaannu fida," jedheen. "Haya!" jedhanii tojorrii itti kennan. Hogguu dhaqu manni sun mana mootiiti. Achitti kan eegan waardiyyaa nama saddeet argee, dhagaa xixiqqaa saddeet fudhatee dhaqee dhagaa tokko darbee qorqoorroo dhaye. Hogguu kana waardiyyaan tokko, "maali!" jedhee yoo dhufu, dhahee ajjeese. Waardiyyaa saddeettanuu akkasitti fixee mana mootii seenee intala mootiirraa amartii baafatee afata goodaarra jiru kukkutee nyaatas fuudhee obbolaa biratti deebi'e.
Amma mootiin, "nama akkanaa barbaadaa," jedhee dhiyana qopheessee biyya hunda affeere. Ijoolleen kunis dhaqanii nyaatan. Mootichi harka ummataa osoo ilaaluu amartii mucaarratti argee, "mucaa nan ajjeesa," jennaan, "haya! na ajjeefta garuu waansaa duran hima" jedheen. "Haya!" jedhaniin akka reeffa abbaatiin osoo deemanuu halkan leenci, qeerransiifi waraabessi itti dhufee ajjeese himeefii, "yoo amanuu baattan," jedhee arraba baasee agarsiise. Akkasumatti waardiyyaa mana mootichaa akka fixe itti hime. Mana seenee amartii intalaa akkatti baafatee fudhates osoo hin hambisiin itti hime.
Amma mootichi, "nama akkanaa hin ajjeesu," jedheen. "Yoo re'ee tana qalte intala tiyya siif hin kennu, yoo qaluu dadhabde siifan kenna," jedheen. Haalbee fudhatee gama doomaa itti rige. Hogguu itti rigu intalti motichaa akkana mitii," jettee agarsiisuuf yoo dhuftu, gurbaan quxusuun intala mootii fuudhee, addunyaa isaatis dhaalee jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex