Kennaa Gaafa Du'aa

Posted by Admin on January 17,2023

| 346 Downloads

Namicha tokkotu du’uuf jedhaa, ilmaansaaf kennaa yookiin dhaamoo dhaamuu jalqabe. Saanduqa sadii teessise. Hangaftichaa saanduqa tokko keessatti biyyoo guutee ol kaa'e, kan giddu galeessaa dhoqqee itti guutee ol kaa'eef. Warqeefi birrii saanduqatti guutee ol kaa'e. Gaafa daacciin ba'u yommuu buqqisanii ilaalan kan angaftichaa biyyeedha. Kan isa giddu galeessaa dhoqqeedha, kan quxisichaa warqeedha.

Warri angafni kunis isa quxisuu sanaan "ati attamitti nu booda dhalattee warqee fudhatta?" jedhanii itti ka'an. "Warqee kana nuu hirii," jedhaniin. Wal dhabanii jennaan sababa abbaan keessan kana godheeef raagaa Gidaluu jedhamutu jiraayyuu deemaa isa gaafadhaa jedhaniin.

Isaanis cubbuxoo cubbuxatanii ka'an. Isaanis Otuma adeemuma adeemanii harree randa dheeraa gubbaa dhagaarra dhaabbatutti bahan. Sangaa fardaanis ashuffee keessa jira. Qooqisaa walitti citeeraa akkanatti dhaabbata, isas bira darbanii deeman. Ammammoo otuma adeemanii adeemanii sangaa sangaa midhaan dheedutti bahan. Ammas darbanii otuma adeemanii saree rimaa ciiftutti bahan. Ishiin ni ciifti buchilloonni ishiimmoo garaa keessaa dutu. Kana bira yommuu darbanis raagaa Gidaluu sana bira gahan. Yeroo ga’anis abbaan qotiisaaf bobba'eera. Ilmimmoo dulloomee qe'ee taa'aayyu. Jarris, "namana ganda raagaa Gidaluu nutti himii jedhaniin. Innis, "abbaan kiyyaa hin dhufaa taa'aa" jedheen. Ofii dulloomee lafaa hin ka'u ture. Abbaansaa gindiifi qambarrii walirratti baatee ka'ee dhufe. "Kunoo isa gaafadhaa, abbaan kiyya isaa," jedheen.

Jarreenis abbicha qofaatti baafatanii, "ati abbaadhaa, isaan ilma keetii maaliif inni dulloomee, isin alfii taataniree? jechuun gaafatan. Ilmichis yoo deebisu, “akkuma laga hojiitii dhufeen niitiin isaa mi'a inni baatu miila isaa dhiqxee kunuunsitii, kan koo garuu ol jetteeyyuu ijaan nan ilaaltuu, waanti abbaa kiyya dura na dulloomses sababiin isaa kanaa," jedheen. Abbichis dabalataan yoo deebisu, "kiyya na kunuunsitii, kanaafan dulloomuu didee, akka garaa kootiittan nyaadha, akka garaa kootiittan dhuga, akka fedha kootti na hammattii kanaafan alfii ta'ee jiraadhaa", jedheen. "Egaa kana erga jedhee booda hoggaa dhuftan karaarratti maal argitan, maaltu sinitti dhufee?" jedhee jara gaafate.

Tokkoffaa harree dhagaa gubbaa dhaabbatee dirrisaa guddatetti dhufne. Inni maal himaa?" jedhaniin. "Namni namaa gadii, namni bakkisaa hin beekamne kan namaa ol ta'u himaa," jedheen. Lammatammoo, "farda ashuffee keessa dhaabbatee qooqe ykn dhooqetti dhufne," jedhan. Kun immoo, "ilmoon namaa gadi adeemuu isaa himaa," jedhe. Sadaffaammoo, "saree rimaa ishiin otuu ciiftuu buchulloonni ishii garaa keessaa dutan agarree," jedhan. Innis, "kun immoo yeroo ijoolleen abbaa isheetiin ati homaa hin beektuu taa'ii, jettee ofii dubbattutu dhufa, kana agarsiisaa," isaaniin jedhe. Arfaffaammoo ijaara midhaan dheedu agarre jedhan. Kun immoo, "namni galfata ykn adaraa namaa nyaachuu isaa mul'isa," jedhee hime jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

+251 912 778324

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex