Bakka duulanitti waraabessi goromsa booji'e. Obbo Leenci ammoo sangaa booji'e. Duulaa galanii otuma wajjin taa'anii goromsi sa'aa sun dhalee bulee ganamaan leenci, "saangaan koo dhalee," jedheen waraabessaan. "Maaloo kiyyatu dhalee," jedheen waraabessi. Dinnaan waraabessi dhaqee abbaa isaatti himate. Himannaan abbaansaa dhufee, "maaloo mucaa koo maa akkana goota," jedheen. "Jaarsummaan siniif haa ilaalu," jedheen. Jaarsummaaf bineensota bosonaa mara lakkaawwatan. Achumaan hunduu dhufan. Qamaleen qofti haftee jarreen kaan dhufan. Martinuu waraabessatti raggaasisan. Waraabessis, "qamaleen dhuftu malee, murtii kana hin fudhu," jedheen.
Waliigaluudhaan qamaleetti qamaleetti ammas ergan. Achumaan qamaleen dhufte. Leenci, "maaloo maaliif hamma ammaatti turtee," jedhee dheekkame. Achumaan, "maaloo yaa gooftaa koo nan rakkadhee," jetteen. "Maal rakkattee," jedhee leenci gaafate. Achumaan qamaleen akkana jettee deebisteef, "lafa tokkotu baqaqee isa suphuuttiin turee," jetteen. Leencis, "biyya kamitti lafti baqaqee suphamee," jedheen. "Atihoo biyya kamitti sangaan dhalee," jettee waraabessaaf murte, jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex