Naannoo tokko keessa jaarsi dulloomaan tokko ture. Jaarsi kun lafaa ka'ee hojii hojjechuu waan hin dandeenyeef teessoorra taa'ee ganamaafi galgala ijoolleesaa gorsa. Ijoolleen isaa garuu gorsa isaa nuffanii "ati jaarsana yeroo hundumaa achi teessee nu hin gorsiin, nuyyuu waan gochuu qabnu beeknaa," jedhan. Jaarsichis dubbii isaanii kanatti gaddee, "haa ta'u ijoollee koo mee akkuma isin jettan haa ta'u," jedhe.
Guyyaa gaaf tokkoo galgala ijoolleen horii galchanii harree irraanfatan. Erga galchanii maayessa jaarsi akka harreen irraanfatame hubatee akka harree halaake ergasii barbaadanii galchan. Kanaaf hima (gorsa) jaarsaa dhaggeeffachuun garuu waan baay'eef nama gargaaraa jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex