Badii Beekumsaa - Durdurii Afaan Oromoo

Posted by Admin on January 17,2023

| 466 Downloads

Yeroo durii namoota beekumsaan beekamoo ta'an lamatu turan. Addunyaa kanarratti namni hamma isaanii beeku hin jiru ture. Gaaf tokko ka'anii, "biyya wallaaltuu kana keessa hin teenyu," jedhanii baduuf qajeelan. Otuma lama ta'anii deemanii namicha qotee bulaa beekumsa qabu tokkotti dhufan. Namicha wajjinis nagaa walgaafatanii wajjin deemuu calqaban. Otuma deemanii bosona guddaa tokkotti ba'an. Bosona keessa osoo deemanii leenci du'ee foonsaa tortoree lafeensaa ciccitee faffaca'e argan.

Beekaan inni tokko, "kun lafee leencaati," jedhee jennaan inni tokko, "ani lafeesaa walittan qabsiisa," jedhe. Beekaan inni lammataa, "yoo ati kana goote animmoo foon itti godhee, gogaasaa itti godhaa," jedheen. Beekaan inni sadeessoo, "yoo isin kana

gootan animmoo lubbuun itti uuma," jedheen.

Otuma kanarra jiranuu namichi wallaalaan tokko isaanitti ba'e. Innis nagaa isaan gaafatee maal akka hojjechaa jiran gaafannaan lafee leencichaa leencichaa walqabsiisanii kaachisuuf akka qophaa'an itti himan. Innis, "mijaadha kanan isin laalaa," jedhee achirraa siqee taa'ee ilaaluu calqabe.

Akkuma jedhe beekaan inni duraa lafeesaa funaanee walitti qabsiise, beekaan lammataatis akkuma dubbatetti foonifi gogaa itti godhe. Inni sadaffaanis "eega sin kana gootanii anis lubbuun itti uuma" jedheen.

Otuma kanarra jiranuu namichi inni arfaffaan, "isin asitti nu nyaachisuufii?" jedheen. Beekaan inni tokko, "maal inni wallaalaan kun! ufii keenyaa kaachifnee nu nyaata jettaa?" jedheen. Beekaan inni lammaffaas "wallaalan kun harka keenyaan kaachifnee nu nyaataa?," jedhanii haa ta'u kaa yoosimmoo, "ani dhaqeen muka yaabbadhee taa'a," jedheen. "Dhaqi kaa!" jedhanii yoo inni dhaqee muka yaabbatu beekaan inni sadaffaan itti qara'ee lubbuu itti uume.

Leencichi yoo ka'u waan beela'ee jiruuf isuma lubbuu itti uume sana dura qabee liqimse. Itti aansee isa tokko nyaate. Sadaffaatti leencis waan bayyanateef isa sadaffaa ajjeesee irra dhaabbate. Warri beekaan sadeenu dhumanii inni wallaalaan mukarraa bu'ee galee odeesse jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex