"Baqqee Baqqaany"

Posted by Admin on January 17,2023

| 1295 Downloads

Abbaan warraa ishee kun dhuguma osoo nyaata hin nyaatin jiraachuu ishee mirkaneeffachuuf gaaf tokko gara lafa qonnaa geessee yeroon laaqanaa darbe. Haati manaa isaa kun baay’ee beeloftee wanta gara manaatti ittin galtu tooftaa barbaaddee abbaa manaa isheetiin, maaloo gara manaatii mooyyee nuukenni jedhanii na waamu nan gala jettiin. Innis “obsi (turi)” jedhen. Ammas xiqqoo turtee gingilchaa naaf kenni jechaa jiran maaloo jettiin. Osuma akkana jedhanii yeroon qonnaa itti galan gahee gara manaa galtee biddeena tolchuuf qoraan fudhachuuf yoo gadi baatu, abbaan manaa ishee duraan ishee sakatt’auuf waan karoorfateef yemmuu isheen gadi baatu utubaa koree taa’e. Kana booda wanta isheen hojjattu ilaaluu jalqabe.   

Niitiin baay’ee waan beelofteef, hanga buddeenni itti dibamee bilchaatutti baay’ee ariifattee bukoo dhugde. Itti aansitee buddeenas dabalattee nyaatte. Abbaan manaa yeroo isheen manaa baatu utubaa irraa bu’ee akka nama reefu dhufuu fakkeesee

taa’e. Kana booda nyaata isaaf yoo fidduuf, koottu nyaadhu jedheen. Isheenis, yeroo mara kun siif haaraadhaa? Ani durumaanuu naqaan koo “baqqee” baqqaanyi” siin hin jenne? jetteen. Sana booda halkanaa’e erga rafan booda garaa kaasaan ishee qabe. Isheenis  maalan godha jettee haba manaa gaafatte. Abbaan manaa ishees okkotee xiqqoo ykn dooccoo sana kessatti bobba’i yammu inni guutu ganama “damma” gene gurgurraa jedheen. Akkuma abbaan manaa isheen jedhe halkan sana okkotee ykn dooccoo tokko itti guuttee bulte.   

Yammuu bari’u ka’i baadhuu deemi gara gabaa geessinee gurgurannaa jedheen. Isheenis albaatii okkotee tokko guutuu baattee abbaa manaa ishee dura deemti. Erga gabaa keessa gahanii booda abbaan manaa gabaa keessatti suuta jedhee okkoticha uleedhaan irratti rukutee cabsee, haadha manaa isaa qaanessee ishee gatee gale jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex