Gowwummaa

Posted by Admin on January 17,2023

| 914 Downloads

Abbaa warraa fi haadha warraa gowwaa fakkatutu jira ture. Haati warraa maatiin ishee du’anii jiru. Gaaf tokko aabbaan warraa imaltuu (diida) deemanii turan. Gurbaan haxxeene tokko gara warra maatii gowwaa kana dhaquuf murteeffate. Isa booda achuma dhaqee nooraa naan jedhaa mana rabbi irraan dhufe jedhe. Niitiinis akkam haati kooti fi abbaan koo fayyaa isaaniiti? jettee gaafatte. Haxxichis isaanumatu na erge jedheen; Isheenis oduu dhagahuf hawwitee maal siin jedhan? Jetteen.    

Akkana jedhan jedhee itti himuu eegale, ” nuyi nagaadha, fayyaa keenyas, garuu waan nyaannuufi waan uffannu dhabne malee yaa intalatoo, yoo garaa nuu laafta ta’e uffata kee fi kan abbaa manaa kee akka nuuf ergitu si gaafanna,” jedhan jedhe. Isheenis gammachuun of wallaaltee isaanumtuu lubbuun jiru taatee uffata naa kenniifii ofii hojjedheen bitadha jette murteessite. Achumaan uffata ishees kan abbaa manaa ishees fuutee qalqallo guuttee itti kennite. Sana booda abbaan warraa ishee yeroo inni dhufu  waan ta’e hundumaa tokko tookkoon itti himte. Namichi tokko mana rabbiitiin dhufe haadha keefi abbaa kee argeen dhufe jennaan, akkasumas uffata hin qaban waan anaan jedheef, uffata koo haadha koof kan kee immoo abboo koof akka geessu itti kenneen ture jette.  

Abbaan warraas soba, si gowwoomse jedheen. Amma erga uffata fudhatee deemee dukaa bu’uuf namtichi maal uffate jedhee gaafate. Isheenis bolaalee daalachaa fi kootii daalacha uffate jetteen. Innis farda yaabbatee ka’ee namicha barbaaduu eegale. Namichi haxxeen sunis uffata duraan uffataa ture karaarratti jijjiirratee ture. Kana booda  namtichi fardaan bira gahee namicha uffata daalacha uffate tooko agartee? jedhee gaafate. Innis “ammuma kana asiin gara lagaatti gadi bu’e, mee gadi fiigii ilaali” jedhen. Itti aanses fardicha as natti kennadhu hanga ati deebitutti siifan cava jedheen. Namtichis farda isaa namicha gamna sanatti kennee gara lagaatti gadi bu’e. Yammuu namtichi lagatti gadi seenu, namichi gamni farda isaatti bahee gulufsiisaa farda jalaa fudhatee sokke. Yemmuu lagaa ol deebi’u hatticha alaalatti argee, namootaan maaloo naaqabaa, maaloo naaqabaa jedhee itti iyye.   

Namichi inni hattichi namoonni, yoo itti dhufan karaa itti agarsiisaa jedha jedhee farda isaa gulufsiisaa farda isaa jalaa fudhatee bade.  

Sana booda namtichi garaa kutatee gara mana isaatti gale.

Namtichi farda kootis uffata kootis osoo hin hambisin na saame. Gowwummaa haadha manaa koo kan koo haacaalu jedhe jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex