Ilmoon Gaachana

Posted by Admin on January 17,2023

| 497 Downloads

Illeensi bineensota kan aarsu gidiraa baay'ee hojjechaa waan tureef bineensonni adda addaa illeensa barbadeessuuf tattaaffii barbadeessuuf tattaaffii guddaa gochuu calqaban.

Obbo Yeeyyiin sardiidaan akkana jedhe, "har'a illeensa qabnee nyaachuu qabna, kanaafuu ati amma gara mana keetii adeemii waan duute fakkaadhuu rafi, anis waayee du'a kee dhaqeen illeensatti himaa," jedheen. "Obbo illeensis warra du'aa gahuuf yommuu gara ciisa kee dhufu utaalii qabadhuu," jedheen.

Sardiinnis mala tolfame kanaan gammadee gara mana isaatti galee ciise. Yeeyyiin karaa isaa gara illeensaatti qajeelee erga achi gahee booddee balbalarra dhaabbatee, "obbo illeensa, obbo illeensa," jedhee waame. Illeensis "oo! maal taatee har'a mana kiyya dhuftee?" jedhe. "Yaa obbo illeensaa waan tokko dhagahee yoo dhaga'uu baatte sittan himuufan dhufe" jedhe. Illeensis, "maal natti himtaa" jedhee gaafate. "Waa'ee sardiidaa hin dhegeenyee, maali silaa waansaa?" jedhe Illeensi. Yeeyyichis dafee du'a sardiidaa sobee itti himee akkuma figuun gara mana isaatti deebi’e. Obbo illeensis warra du'aa sardiidaa ga'uudhaaf ariitiidhaan mana dhaqee yeroo hulaa manaatiin ilaalu ijasaa sobee junuunfatee, jorgaa jedhee sardiinni ciisuusaa arge.

Obbo illeensis sardiidaa du'aafi hin duuneesaa raggaasuuf mala barbaade. Obbo illeensi sagalee isaa ol kaasee akkana jedhee dubbate. "abbootiin keenya akka nutti himanitti yoo ta'e sardiinni yommuu du'u afaan bananna," jedhu. "Maaliif afaan banuu dhiiseree? Yeeyyiin soba dubbatee laata," jedhee obbo illeensi dinqame.

Sardiinnis, "yaa fakkaatu," jedhee, suuta afaan banuu qabe. Illeensis daba isarratti hojjetamuuf yaadame beekee fiigichaan gara mana isaatti deebi'ee galee jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex