Kanniisa Jaldeessaa fi Qamalee

Posted by Admin on January 17,2023

| 1697 Downloads

Bara durrii kaannisa, qamalee fi jaldeessa ta’anii tokkummaadhaan Afooshaa (Iddirii) dhaabbatanii waliin jiraachaa turan. Waldichis, afeerraa nyaataa fi dhugaatii qaba ture. Afeerrichis dabareen akka raawwatu irratti waliigalan ture. Haaluma dabareetiin dabree jalqabaa osoo hin eegalin dura yeroon inni itti gaggeeffamu ji’a keessatti al tokko akka ta’uu fi dhangaan dhiyaatu immoo haala gaariiin qopha’u isaa adde qamaluun akka ilaaltuuf murteeffatan. Afeerrannis kenname, afeerraa jalqabaa kan qopheessu kanniisa ta’e. Kanniisnis jalqabaa kaasee hanga guyyaa afeerraatti damma kuusee qophii fiaste.   

Aadde qamaluunis dhufanii nyaaticha ilaalanii baay’ee gammadan. Keessummoonni hundiuu dhufanni nyaata dhiyaate erga nyaatanii booda, nyaata akkanaa kana eessumaa argattan jedhanii gaafatan. Kannisis, “udaan kooti kaa!” jedheen.   

Akkuma barame, gaafa lammaffaa immoo abbaan dabaree jaldeessa ture. Innis akkuma kanniisaa udaan isaa kuusuu eegale. Silaa hin oolu guyyaan afeerraa gaafa gahu akkuma seera (dambii) isaanii aadde qamaluun dura dhaqxee yemmuu ilaaltu, udaan udaan jedha. Maali oboo jalduu, nyaanni isin qopheessitan udaan udaan jedhaa sirrii miti jetteen. Yeroo kessummoonni dhufanii dhangaan dhiyaatee nyaachuuf jedhan  udaan udaan xiraa’e;

yeroo mana keenyaa nyata gaarii nyaattee; yemmuu dabaree kee immoo nyata hin taane nuuf kennitaa jedhanin. 

Jaldeessi fi kanniisni kanumarraan kan ka’e wal loluu eegalani isaan lachuu gosa isaanii birmachiisanii wal fixuuf ka’an. Kanniisni xixixi jedhanii jaldeessa hidduu eegalan jaldeessi garuu kanniisa argee rukuchuu hin dandeenye. Jaldeessi asiif achi kaatee daabee osoo mirmirsuu, kanniisni jaldeessa hedduu hidditee fixxee lolaan mo’atte jedhama.


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex