Leencaa fi Jaldeessa

Posted by Admin on January 17,2023

| 1012 Downloads

Jaldeessatu haadha manaa leencaa jaallatee ani bareedaan kun sijaalladhe jedhee haadha manaa leencaatti hime isheenis tole jetteenii galtee 'osoo ati jirtuu jalduu tortoraan sin jaaladha naan jedhe' jettee leencootti himte.

Obbo leencoonis mala male haadha manaa isaatiin akkas jedheeni guyyaa tokko inni hin jiru jedhiitii marqaa marqii waami ani immoo baaxii manaa irran taa’aa jedheen Isheenis marqaa marqitee jalduu waamte. Innis dhufee marqaa erga nyaate booda ana moo obbo leencoo keetu irra bareeda jedhee irra deebi’ee haadha manaa leencaa gaafate. Isheenis situ bareeda jetteeni. Booda osoo obbo leencoon amma sitti dhufee maal goota? jettee gaafatte. Innis hin shakku (hin sodaadhu) jedheen. 

Yeroo kana obbo leencoon baaxii irraa gadi bu’ee jalduudhaan maal asii goota jedhee gaafannaan rakkadheen kadhaa dhufe jedheeni. Itti aansee obbo leencoon funyaan kee kana maaltu akkana sigodhe? jedheen. Jaldoonis ganamaaf galgala waaqa osoon kadhuun akkas ta’e jedhen. Leencoon deebisee hudduu kee kanahoo maaltu akkas sigodhe? jedhee gaafate. Ganamaafi galgala mukarran foqoqa isaatu akkas nagodhe jedhe. Harka kee kana hoo maaltu akkas sigodhe? jedhee gaafannaan ganama ririma galgala ija mukaa funaanuutu na luqqise jedhe jedhamaa. 


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex