Guyyaa tokko namoonni baay’atanii qeerransa tokko reeban. Qeerransi namoota irraa fagaatee osoo dheechaa jiruu nama tokko kan kophaa deemaa jiru argatee, maaloo na ajjeesuuf na reebaa jiru; jalaa na baasi jedheen. Namichis atuu qeerransi dadhabdee dheessitaa ani maal godheetan jalaa si baasuu danda’aa jedheen. Achumaan qeerransis namichi qanqalloo harkatti qabatee waan jiruuf qanqalloodhuma kana keecha na dhoksiitii jalaa nabaasi maaloo jedhenii kadhate. Namichis tole jedhee qeerransa qalqalloo keessa kaayee, qanqalloo afaan hidhee gateetti irratti baatee karuma nama reebaa jiru sanaatti deemeen. Namoonnis “qeerransa tookko agartee? isa reebaa jirraa” jedhanii gaafannaan kunoo kaatee, darbe jedheenii, qeerransa baatee bira darbee deeme. Erga Jara bira darbe booda, “kunoo warra si reeban bira si dabarse bu’ii,” jedheeni. Ennaa kana qeerransichis “hin bu’u,” jedheen. Namichis “hin buuta maal gootaree? jedhee gaafate.
Qeerransichis “hin bu’u sin nyaadha malee,” jedhee deebiseef. Yeroo ati muddamtee namoonni si ajjeesuuf dhufanii bira gahanitti jalaa si baaseetan, lubbuu kee du’a irraa baraareen ati amma sin nyaadha naan jettaa? jedhee gaafannaan qeerransichis; “namoonni illee osoo na ajjeesanii naa wayya; beelli na ajjeesuurra; ani suman nyaadha malee sirraa hin bu’u,” jedheeni.
Achumaan namichis, “tole na nyaatta; garuu jaarsa irratti wal himannee murtee jaarsaatiin booda na nyaatta malee akkanumatti na hin nyaattu,” jedheen. Qeerransichis eenyumtu sodaa isaatiifuu akka isatti hin murtessine abdatee, “na baadhuuti beenu abbumti fedhe iyyuu yaa murteessu,” jedheen. Namtichis qeerransicha baatee gara
jaarsaatti deemuu jalqabe. Amna sino booda jaarsa namaa bira gahe. Gahees akkamitti qeerransicha du’a jalaa akka baase jaarsa namaatti himate.
Itti aansee qeerransichis akkana jedhe. “Du’a jalaa bahus beelli na ajjeesa, kanaafu si nyaachuun qaba, jedheenin jira. Ati garu waanuma sitti fakkaate murteessi kaa jedheen. Achumaan jaarsi namaa sunis, qeerransicha sodaatee; yoon namicha hin nyaatiin jedhe nanyaata jedhee shakkuudhaan, sirrii dha. Si nyaachuu qaba jedheenii itti murteesse.
Namtichis waan lubbuu ta’eef, murtee tokkichaan na hin nyaattu jedheen Qeerransichis akkuma duraa hundumtuu akka isa sodaatu waan beekuuf, homtuu natti hin murteessu ykn namicha hin nyaatiin kan jedhu tokko iyyuu hin jiru waan jedheef, hanga barbaaddetti deemuu ni dandeecha narraa bu’i naan hin jedhin malee jedheen. Lammaffaa irratti jaarsa jaldeessaa bira dhaqan. Jaarsi jaldeessaas, akkuma jaarsa namaatti dubbii isaanii bitaa fi mirgaan erga dhageeffate booda, akkuma jaarsa namaatti qeerransicha sodaachuun “nyaachuu qabda” jedhee namichatti murteesse. Ammas hanga jaarsi sadii natti murteessutti nan nyaattu jedheeni baatee deeme. Achumaan, sadaffaa irratti jaarsa qamalee bira gahan. Erga bira gahanii booda namichis, yaa obbo qamaluu, ani qeerransa kana namoonni baay’aatanii ajjeesuu dhaaf fardaa lafoodhaan osoo reebaa jiranuu natti dhufee jennaan du’a jalaa isa baase. Ergan namoota bira isa dabarse booda sin nyaadha malee sirraa hin bu’u naan jedhe.
Inni akkana naan jennaan tole na nyaattaa garuu murtee malee nan nyaattu jedheenii jaarsa namaatii fi jaarsa jaldeessaa bira geechinaan dhugaadha si nyaachuu qaba jedhanii natti murteessan. Ati immoo maal jetta ree? Jedheen. Achiin booda jaarsi qamalees akka waan dinqisiifatuu fakkaatee, raajiidaha! namoota humna qeerransaatii ol ta’an qeerransi dheechee ati maal gootee jalaa basete hin amanu jedhen. Namichis akkuma namoota jalaa itti baase itti agarsiisuuf, qeerransichi qanqallo keessa loyee seene yemmuu itti agarsiisuuf jecha, qanqalloo afaan hindhee kunoo akkana godheetan jalaa baase jedhee himate. Yaroo sana jaarsi qamalees eegaa maal eegdaree amma maaltu si hafe jedheen. Namtichis qeerransicha akkuma qanqala keessa jirutti uleedhaaan dhaanee ajjeese jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex