Qocaafi allaattiin osoo waliin jiraachaa jiranii guyyaa tokko waa’ee jiruufi jireenyaa walitti haasan. Yaroo kana allaattiin “Jiruun akkami?” jettee qocaa gaafatte.
Qocaanis “Maal nagaafatta ati addunyaa mara waliin geessee yeroo dhoftu ani baay’een akka kee ta’uu hawwa. Mee guyyaa tokko na fudhadhu deemi” jetteen. Allaattiinis deebistee “ani illee si fudhadheen deema ture; ati garuu waan oduu jaalattuuf koochee koo qabattee yeroo oduu laaltu narraa kuftee caccabda” jetteen. Qocaan yeroo kana lakkii ani tasa hin odeessu na fudhadhuu deemi jettee didde. Yoo kana allaattiin ka’i kaa koochee koo qabadhu waliin deemnaa jetteen.
Sana booda qocaa baattee naannessaa ooltee yeroo bakka hiriyyoota ishee geessu ilaali hiriyoota koo jettee koochee ishii gadi dhiiste. Yaroo kana qocaan achi gubbaadhaa kuftee caccabdee duute jadhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex