Qocaafi illeettiin osoo waliin jiraachaa turan guyyaa keessa gaafa tokko waldorgommii fiigichaa waamaman. Kanumaafuu waldorgommicha adeemsisuf qophaa’an. Yaroo dorgommii godhuf jedhan illeettin akkas jette, an ishee kan waliinaa dorgomaa? Osoo xiqqoo hin turinan kutee darba jetee tuffiidhaan. Yeroo dorgommii jalqaban illeettiin figdee dabarate, dura baatee karaa walakkaa geessee yeroo ofduuba ilaaltu qocaan fagoo jirti. Yeroo kana nan boqodha jettee muka jala osoo ciistuu qocaan dorgommii ishee daftee kuttee dabartee, tokkoffaa baatee jedhama. Kanaafuu oftuulummaan namni biraa waan tokko gochuu hindanda’u ana qofatu danda’a jachuun hanqina akkanaan nama ga’a jadhama
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex