Oduu Durii Qocaa fi Simbirroo

Posted by Admin on January 17,2023

| 791 Downloads

Guyya tokko kocaan beela’ee osoo karaa deemaa jiruu sinbirroota waamicha waamamanii deemuuf qophaa’an itti dhaqe. Innis sinbirroota eessa deemaa jirtu? jedheen. Isaanis waamicha tookko qabna achi adeemuudhaaf jenna jedhanii deebisanif. Qocaanis maal ta'aree anas na fuutanii walin dhaqne jedheen. Sinbirroonnis maal rakkoon hin jiru koochoo tokko tokko siif kenninaa jedhanii koochoo tokko tokko kennaniifii osoo balali'aa jiranii maqaan kee eenyudha? jedhanii gaafatan. Innis maqaan koo hunduma keessani jedhee deebisef.

Erga bakka waamichaa gahanii booda ani waanan dubbii beekuuf isiniifin dubbadha jedheenii tole jedhan. Innis erga dubbatee booda dhangaan kun eenyuuf qophaa’e? jedhee gaafate. Isaanis hunduma keessaniif jennaan qocaanis dhageessanii maqaan koos hunduma keessani dhengaan kuni kan qophaa’e hunduma keessaniif waan ta’eef dhangaan kun anaaf qophaa’e jedhee sinbirroota irraa ari'ate ofii isaaf nyaate. 

Haata’u jedhanii sinbirroonni gara mana isaanii galuuf koochoo isaanii irraa buqqaa fatanii yeroo ka’an haadha manaa isaatti ergaa akka himaniif yeroo itti himatu akkas jedhe yemmuun balali’aa dhufu waan laafaa ta’e balbala kiyya dura naaf afi yeroon achi gahun gadi itti of gadhiisaa jedhe jedhaatii itti naaf himaa jedhee itti himate. Isanis jecha isaa jijjiiranii waan qara qabu eeboo aalbeefaan balbalatti gadi naaf baasii na eegi yeroon dhufun itti  of gadidhiisaa jedhanii isheenis qopheessitee eegdee irratti of gate.

Isaanis cubbuun abbuma miiti jedhanii mammaakanii jedhama. 


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex