Sangoota sadiifi waraabessa tokkotu jira ture. Sangoonni sunis gamtaadhaan jiraatu turani. Sagoonni bifa sadii qabu turan. Bifti lsaaniis tookko gurraacha, tokko diimaa ,tokko adii turani. Yeroo waliin jiraatan diina isaanii gamtaadhaa ofirraa eegaa jiraatu. Guyyaa tokko waraabessi sangaa diimaafi isa gurraachatti dhufee sangaa isa adii kana yoo ofirraa adda baaftan malee diinni fagootti isin argee isinitti dhufuu danda’a jedheee dogogorse. Yeroo kana sangoonni kun dhuguma itti fakkaatee sangaa adii san of irraa ari’anii waraabessichis kophaatti argatee nyaate.
Guyyaa biros sangaa isa gurraacha ofitti waamee sangaa diimaa kana irraa adda baatu malee sinyaachisisa jedheen. Yeroo kana dhuguma itti fakkaatee addadda bahanii waraabesichis addadda baasee isaan nyaatee fixe jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex