Oduu Durii Sardiidaa fi Lukkuu

Posted by Admin on January 17,2023

| 717 Downloads

Bara durii sardiidaan ganamaan ka’ee nyaata ishee barbaaddachaa osoo jirtuu lukkuun warra tokkoo heddummatanii nyaata isaanii barbaaddachaa osoo jiranii kormaan lukkuu tokko iyye. Sardiidaan sagalee kormaa lukkuu dhageessee sagalee keetu baay'ee natti tolee mee irra deebi'ii naaf jedhi jetteen. Kormaan lukkuus lukaan lafatti ejjetee ija isaa lamaan dunuunfatee osoo iyyuu sardiidaan utaaltee morma kormaa lukkuu qabatte. 

Lukkuu warren hafanis baqatanii gara manaatti deebi’anii sardiidaan kormaa lukkuu fudhattee osoo fiigaa jirtuu kormaan lukkuu sardiidaan akkas jedheen, osoo ati lallabdee lukkuleen hedduun deebi'anii dhufuu kanaaf iyyii jedheen Sardiidaanis tole jadhee yeroo iyyutti kormaan lukku harkaa bahee muka irra bahee sardiidaa jalaa galee jedhama.  


Support Afoola.com

Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!

Support Afoola Oromoo

AFOOLA.COM

Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.

Follow Us
Contact Us

Finfinnee, Itoophiyaa

info@afoola.com

Newsletter

Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.

Designed by HTML Codex