Abbaa manaa fi haadha manaa gowwaatu biyya tokko keessa jiraataa turan. Guyyaa tokko galaa qopheffatanii karaa deemuuf karoorfatani galaan isaanii bassoo ture. Osoo karaa deemanii bishaan bassoo isaanii ittiin basseefatan barbaachaaf gara lagaa adeeman. Laga gahanii bassoo isaanii hiikanii bishaan guddaa irratti firfirsani yeroon isaa ganna yaroo bishaan guutu waan ta’eef bassoo isaanii jalaa fudhatee yemmuu deemu haati manaa bassoo qabuudhaaf bishaan keesa lixxee deebi’uu didde. Abbaan manaas taa’ee ishee eegee deebi’uu didde maalif bishaan keessaa hin baatu jedhee dhakaa yeroo gadi itti darbatu dhiigni ol faca’e. Yeroo kana abbaan manaa gowwaan sun ana kophaatti dhiistee kophaaishee bassoo barbareen nyaattii jedhee ofii isaafis gara bishaanii sanatti seenee lamaan isaaniiyyuu bishaanichaan dhumani jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex