Gaaf tokko waraabessa tokkotu quufee gara manasaatti otoo deemuu nama aduun itti dhiite tokkotti dhufe. Namichi waraanuuf kaanaan waraabessichi, "anuu horii kee balbala jala darbuyyuu hin nyaadhu, firan siif ta'a nan waraaniin, mana koon si barsiisaa, fira walii taanaa," jedheen. Namichis cal jedhee faana ka'e. Yammuu iddoo mana waraabessichaa gahan waraabessichi, "mana koo hudduudhaan seenuu, hudduudhaan seeni," jedheen. Kan boolla isaan itti galuuf jedhan argan, "har'ammoo jiraadhuma nuuf galchitanii, dur du'aa galchituu," jedhan. Waraabessichis "gurraafan fidee gurra naaf hambisaa, lafeefan fidee lafee naaf hambisaa, onneefan fidee onnee naaf hambisaa," jedheetu darbee rafe. Ganama ka'ee "gurraafan fidee gurricha naaf fidaa." jedhe. "Otoo gurra qabaatee hin dhagahuu? bineensa wajjin galaa, nuti gurrasaa hin argine," jedhan.
"Lafeefan fidee, laficha naaf kennaa," jennaan "lafee maalii? bineensattiin lafee hin qabdu? Nuti lafeedhuma isaayyuu hin argine," jedhan. "Onneefan fidee, onnee naa kennaa," jennaan otoo onnee qabaatee as nu bira seenaa? maaf si hin waraaniin, onnumasaayyuu hin argine," jedhaniin jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex