Daljeessi saree fuudhe. Daljeessi sareerraa mucayyoo bareedduu dhalche. Maqaa ishiitis "jeedala," jedhee moggaase. Haatishiimmoo, "ani amma siif hin moggaasu, yeroon sii moggaasun qaba,❞ jetteen.
Daljeessiifi sareen tun hanga mucayyoon isaanii tun guddattutti waliin turan. Namni hundi "Sareenimmoo, akkamitti nama dhaltii," jedheen. Haa ta'u malee, eb... ox of etmes "dhalteemmoo hangam bareeddii, jedhe. Sareen tun namni marri mucayyooshii yeroo faarsan, yommuu dhageessu, "ayi! ayi! yaa Waaqana odoo namarraa natti kenniteetta ta'eeyyuu maal qaba," jettee qofaa yeroo hunda ni aarti.
Sareen abbaa warraashiitiin koottu nuti akkanatti hin jiraannuum, ati hallayyaa hallayyaarra malee hin deemtu, nuti garuu hin dandeenyu, kan biroommoo "mucayyoo tiyyan gurguradhaa," jettee isa gaafatte. Innis, "yaa aaddee koo natu gurgurachuu si dhoowwee?" jedheen. Eeyyee!, "namni hundinuu kan daljeessaa taate malee, ni fuunaayyuu jedhuu," jettee itti himnaan, "tole! gargar baanuuree," jedhee gargar bahan.
Sareen yeroo kana mucayyooshii qabattee karaa guddaa tokkorra geessee, mucayyooshiitiin, "namni yoo si gaafate maqaa dureessaa obbo Dhugumaa kan jedhamu abbaa kooti❞ jedhii jetteen. "Sareen tun maal si biraa gootii" yoo siin jedhan, "sareen warra keenyaa nu biraa hin deemtu" jedhiin jettee gorsite.
Namichi niitiinsaa jalaa deemte tokko farda yaabbatee berib beramallimabis dhufe. Mucayyoo sana bira yeroo gahu irraa bu'ee, "maal goota mucayyoo?" jedheen. Ana, "abbaa kootu manaa na ari'ee," jetteen. "Sareen tunimmoo maal si biraa gootiree?" jedheen. "Sareen warra keenyaa nu biraa hin haftu," jetteenii deebii hunda laatteef.
Abbaan fardaa sun, "yaa mucayyoo! haadha warraa hin qabuu, koottu sin fuudhaa," jedhee fudhatee gara manaa gale. Manasaa geenyaan wanta nyaatamu gopheessee mucoosaa waliin nyaachuu calqaban. Yeroo nyaatasaanii xumuranii saree isaaniitti darbate. Lafaa ishiin nyaachuu didde. "Maaliif nyaachuu didde?" jedheen. "Sareen warra keenyaa nyaata meeshaarratti malee hin nyaattuu," jetteen. Meeshaarratti kenninaafiin nyaatte.
Abbaan fardaa kun, hiriyootasaa biraa yeroo bahu sareen waliin baatee waan inni haasa'u dhaggeeffatti. Innis, "yaa obboleessa koo niitii akkamiitan argadhe, kan eenyuuti ishiin?" jedheen. "Kan obbo Dhugumaati," jennaaniin, "lakkii ani siif hin amanu kanaafuu aannan buchuma guutuu sirriitti odoo hin qabsiisiin lafaan dhahii, yoo ishiin "Zarraaf intala Dhugumaa!" jettee yoo danfite dhugaadha. Yoo kaan soba ta'aa," jedheen.
Sareen tunimmoo kan isaan mari'atan kana mara mucayyooshiitti himte. "Yeroo inni aannan buchuma guutuu sitti kenne Zarraaf intala Dhugumaa jedhi dafii," jetteen. Namichi amma aannan elmee buchumaan qabatee, "hoodhu fudhu jedheenii odoo ishiin hin qabatiin lafaan dhoofnaan "Zarraaf intala Dhugumaa!" jettee danfinaan kanumasaati," jedhanii amanan.
Sooressi Dhugumaa jedhamu kun dhukkubsannaan, "inni dhukkubsateeraa maaliif hin gaafannee," jedheen hiriyaansaa sun. "Yeroo kana sareen dhaqxee siree jala bakka inni rafu, jala seenee dhaggeeffadha, wantan qabu siniin hiraa jettee, obbo Dhugumaa fakkeessitee waan qabeenya koo hunda gaangee, fardeen, qotootaafi kan hafan hunda mucayyoo ganda Tufaati du'eera. qabu sanaa naaf kennaa," jettee dubbate. Garuu inni du’eera.
Ishiin qabeenya sooressa sanaa fudhattee ganda dhirsashiitti galte. Yeroo kana yaa intala too! "maqaa boodan sii baasa kanan jedhe kanaafii, Boontuu qofa maqaan kee malee Jeedala mitii," jetteenii mucayyoo ishiitii booda maqaa moggaafteef, jedhama.
Hojii aadaa fi afoola babbareedoo uummata guddaa kanaa dhalootaaf dabarsuuf hojjannuuf nu gargaaraa!
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex