Folktales are traditional stories that have been passed down through generations, typically orally. They have all sorts of different versions depending on the cultural context or the region where it's being told, making it an intriguing subject of study. Generally speaking, these stories illustrate elements of human nature, providing insights and lessons for children yet are also enjoyed by adults. Folktales typically feature a cast of diverse characters, many of whom are anthropomorphic animals or other creatures of the natural world. They usually exemplify some moralistic lessons or reflect the societal customs of the time and culture.
Oduu Durii or durduri is one of the most popular and educational folklore of the Oromo people and its main goal is to pass on about the past generation in an entertaining and unforgettable way. We grew up with a lot of myths as children because we are more likely to retain what we were told as children.
We cordially invite you to the following old stories and we want you to share us your thoughts and memories.
Namoota lamatu jira. namootni kun hattoota turan. Hattoonni kunneen yeroo baay’ee namoota hedduu jalaa horii hatanii hiyyoomsaa turan. Akkuma baran gaaf tokko re’ee tokko hatanii re’ee hatan kana gurgurachuuf walii galan
Abbaa warraa fi haadha warraa gowwaa fakkatutu jira ture. Haati warraa maatiin ishee du’anii jiru. Gaaf tokko aabbaan warraa imaltuu (diida) deemanii turan. Gurbaan haxxeene tokko gara warra maatii gowwaa kana dhaquuf murteeffate.
Qocaafi illeettiin osoo waliin jiraachaa turan guyyaa keessa gaafa tokko waldorgommii fiigichaa waamaman. Kanumaafuu waldorgommicha adeemsisuf qophaa’an.
Bara durrii kaannisa, qamalee fi jaldeessa ta’anii tokkummaadhaan Afooshaa (Iddirii) dhaabbatanii waliin jiraachaa turan. Waldichis, afeerraa nyaataa fi dhugaatii qaba ture.
Qocaafi allaattiin osoo waliin jiraachaa jiranii guyyaa tokko waa’ee jiruufi jireenyaa walitti haasan. Yaroo kana allaattiin “Jiruun akkami?” jettee qocaa gaafatte.
Guyyaa tokko namoonni baay’atanii qeerransa tokko reeban. Qeerransi namoota irraa fagaatee osoo dheechaa jiruu nama tokko kan kophaa deemaa jiru argatee, maaloo na ajjeesuuf na reebaa jiru; jalaa na baasi jedheen.
Bara durii leenci tokko osoo bosona keessa deemuu daa’ima saamtonni haadhaa fi abbaa irraa ajjeesan tokko argatee nyaachuuf yoo deemu haati fi abbaan kan du’an ta’uu isaa argee daa’ima sana qabee gara mana jireenyaa isaatti fudhatee gale.
Sangoota sadiifi waraabessa tokkotu jira ture. Sangoonni sunis gamtaadhaan jiraatu turani. Sagoonni bifa sadii qabu turan. Bifti lsaaniis tookko gurraacha, tokko diimaa ,tokko adii turani. Yeroo waliin jiraatan diina isaanii gamtaadhaa ofirraa eegaa jiraatu.
Guyya tokko kocaan beela’ee osoo karaa deemaa jiruu sinbirroota waamicha waamamanii deemuuf qophaa’an itti dhaqe. Innis sinbirroota eessa deemaa jirtu? jedheen. Isaanis waamicha tookko qabna achi adeemuudhaaf jenna jedhanii deebisanif. Qocaanis maal ta'aree anas na fuutanii walin dhaqne jedheen.
Abbaa manaa fi haadha manaa gowwaatu biyya tokko keessa jiraataa turan. Guyyaa tokko galaa qopheffatanii karaa deemuuf karoorfatani galaan isaanii bassoo ture.
Bara durii sardiidaan ganamaan ka’ee nyaata ishee barbaaddachaa osoo jirtuu lukkuun warra tokkoo heddummatanii nyaata isaanii barbaaddachaa osoo jiranii kormaan lukkuu tokko iyye. Sardiidaan sagalee kormaa lukkuu dhageessee sagalee keetu baay'ee natti tolee mee irra deebi'ii naaf jedhi jetteen. Kormaan lukkuus lukaan lafatti ejjetee ija isaa lamaan dunuunfatee osoo iyyuu sardiidaan utaaltee morma kormaa lukkuu qabatte.
Jaldeessatu haadha manaa leencaa jaallatee ani bareedaan kun sijaalladhe jedhee haadha manaa leencaatti hime isheenis tole jetteenii galtee 'osoo ati jirtuu jalduu tortoraan sin jaaladha naan jedhe' jettee leencootti himte.
Dur Akkoo Manooyyeen mootii biyyaa turte. Isheenis, waan namni hindalagne ajajjee rakkifti turte
Amicha tokkotu ture. Namichi kun ka'ee haadha manaa fuudhe. Haati manaa isaa erga itti heerumtee booddee, kaatee mucaa godhatte. Amma erga mucaa godhattee booddee, gaafa mucaan dhaqee daa'imuuf ka'u abbaa manaa ishii waan jibbiteef kaatee gaafa waan malattu dhabdu dhabdu mucaa mucaa ishii fuutee baadhattee hurursuutti kaate
Dhirsaafi niitiitu turan. Barrimmoo bara beelaa ture. Jennaan dhirsichi tuffee isaa rarraaseetu abidda bira taa'a ture. Ishiinis wajjumaan teessi ture. Niitiin, "maaloo wanna kana abidda bira rarraafatee teessu ofirraa qurxitee hin gattuu," jetteen. "Maaloo intalaa sin mararuu yoon qurxee darbe gaafa barri kun darbemmoo bakka fuunuu hin qabnu," jedhe.
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex