Folktales are traditional stories that have been passed down through generations, typically orally. They have all sorts of different versions depending on the cultural context or the region where it's being told, making it an intriguing subject of study. Generally speaking, these stories illustrate elements of human nature, providing insights and lessons for children yet are also enjoyed by adults. Folktales typically feature a cast of diverse characters, many of whom are anthropomorphic animals or other creatures of the natural world. They usually exemplify some moralistic lessons or reflect the societal customs of the time and culture.
Oduu Durii or durduri is one of the most popular and educational folklore of the Oromo people and its main goal is to pass on about the past generation in an entertaining and unforgettable way. We grew up with a lot of myths as children because we are more likely to retain what we were told as children.
We cordially invite you to the following old stories and we want you to share us your thoughts and memories.
Yeroo durii namoota beekumsaan beekamoo ta'an lamatu turan. Addunyaa kanarratti namni hamma isaanii beeku hin jiru ture.
Jabana durii jedhan sareen takka rimooftee bakka itti dhaltu dhabde. "Yoon bool'atti dhale waraabessatu nyaata, kanaafuu, eessatti dhalu?" jettee cinqamte.
Yeroo durii qamalee, jaldeessaafi qeerransatu jiru turan. Yeroo kana qeerransi gooftaa hunda isaanii ture. Otuma wajjin jiraatanii gaaf tokko qeerransi ijasaa dhukkubsatee ciise.
Yeroo durii nama garmalee dureessa ta'e tokkotu Yo jira ture. Namichi kun kan inni qabu qarshiifi loon baay'eedha. Manni isaas gammoojjii keessadha.
Niitii tokkotu jirti ture. Ishiinis mucaa tokko deessee jennaan mucattiin jalaa badde. Amma haati mucaa, "yoon maal godhe, yoon eessa dhaqen mucaa koo argadha?" jettee nama gaafatte.
Kaatee mucaan tokko warrashii jalaa baddee bool'a keessa buutee achitti mixiin ishii nyaannaan waraabessa waammatte. Waraabessi sunis dhufee baasee, "ani nan si nyaadhaa❞ jedheen.
Namicha tokkotu niitii qaba ture. Ishiinis sanyoo bartee isa jibbitee jennaan gaaf tokko ka’ee, “galaa naa glaasii, ka’een badaa” jedhee jennaan galaa kana glaafteefii innis ka’ee qajeele
Alaattiifi Lukkuun wal wajjin jiraatu turan. Waan qabanis wal gargaaru turan. Yeroo baay'eef meeshaa mana keessaa qabanis walii ergisaa jiraatanii gaaf tokko lukkuun mana allaattii dhaqxee lilmoo ergifatte.
Bara durii guyyaa tokko waraabessi walgayeetu Bakkamitti akka harree nyaatu mari'atee, "yaada intala keessan nutti heerumsiisaa jenna," jedhurratti walii galanii akka oitti cheerumsiisan harroota gaafatan. Harreenis, "haas ta'u kaa ni mari'anna," jedhanii deebisaniif.
Duratti leenca, qeerransa, waraabessa, bofa ta'anii "maabara" galan. Yoo galan, amala isaanii himataniitu. Leenci akkas jedhee himate, "ani namatti bu'ee hin beeku, namatti bu'uu hin jaaladhu. Kanaaf natti hin bu'inaa," jedhe.
Dhirsaafi niitii turan. Waggaa digdami lama guutuu waliin jiraataniiru. Otuma jiratanii dhirsi ijjisaa jaamee argee deemuu dadhabe. Kanaaf niitiin isaa "waggaa 22 wajjin jiraannee nan gataaree" jettee kadhattee nyaachisuu calqabde.
Yeroo durii daldaltoonni soogidda akka qarshiitti Your gargaaramuudhaan waan mara daldalu turan. Yeroo kanas mucaan ganda namaatti galee hojjetu jira ture. Warri biratti gales gatii humna isaa soogidda kennudhaan kaffaluuf.
Ijoollee dhiiraa lamatu jiru. Ijoolleen kun lachuu haadha malee abbaa hin qaban ture. Haati isaanii kun manaa hin baatu. orduuba teessee Rabbiin kadhatti malee sirumaa manaa gadi hin baatu.
Namichi tokko haadha manaa isaafi mucaa isaa tokko wajjin otuma jiraatanuu haati manaa duute. Amma eegaa namichi niitii kan biroo fuudhee niitittiin sunis mucaa namtichaa jibbitee, "yookiin mucaa kana ari'ii yookaan nan deemaa," jetteen.
Waraabessaafi qamaleetu jiraayyu. Isaanis wal qabatanii biyyaa deeman. Oduma deemanuu, oduma deemanuu, biyya biraatii mana argatan. Waraabessi mana guddaa yommuu qamaleenimmoo mana xiqqoo jijjigduu argatte.
AFOOLA.COM
Afoolota Oromoo garaa garaa kanneen akka oduu durii (durdurii), hiibboo, mammaaksa, jechama, ciigoo, sookoo fi soorgoo, geerarsa, tapha ijoollee fi wantoota aadaa uummata Oromoo calaqqisiisan isinii dhiyeessina.
Finfinnee, Itoophiyaa
info@afoola.com
Copyright © Afoola.com. All Rights Reserved.
Designed by HTML Codex